Fana: At a Speed of Life!

Godinichatti guyyaa tokkotti biqiltuu bunaa miiliyoona 10 dhaabuuf karoorfamuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 19, 2014 (FBC)- Godinina Kafaatti mata duree “ sosochii tarsiimoo buna boroo babal’isuu”  jedhuun guyyaa tokkotti biqiltuu bunaa miiliyoona 10 dhaabuuf karoorfamuu Waajjirri Misooma Bunaa, Shaayee fi Mi’eessituu godinichaa beeksise.

Godinichatti  bara kana biqiltuu bunaa miiliyoona 32.9 dhaabuuf karoorfamee gara hojiitti galamuu waajjirichi beeksiseera.

Biqiltuu bunaa kurmaana jalqabaa bara 2014 dhaabaman miiliyoona 15.9 kunuunsuun akkuma jirutti ta’ee baatii Eebila hanga Adoolessaatti biqiltuun bunaa miiliyoonni 32.9 dhaabbiif qophaa’uu waajjirichatti hogganaan misooma Bunaa, Shaayee fi mi’eessituu obbo Mogas Takleen ibsaniiru.

Kunis lafa uwwisa bunaa mana boroo heektaara kuma dhibba 1 fi kuma 83 ture gara kuma dhibba 1 fi kuma 90 kan guddisu ta’uu ibsuun, hanga ammaatti biqiltuun bunaa miiliyoonni 13 dhaabamuu eeraniiru.

Dabalataanis guyyaa tokkotti biqiltuu bunaa miiliyoona 10 dhaabuuf karoorfamuu ibsaniiru.

Sagantaan guyyaa tokkotti biqiltuu bunaa miiliyoona 10 dhaabuu Waxabajjii 1,2014 kan gaggeeffamu ta’uu fi saganticharratti qonnaan bultoonni kumni 80 kan hirmaatan ta’uu DhRTK gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.