Fana: At a Speed of Life!

Godinichatti Buna toonii kuma 78 ol argachuuf karoorfameera

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2016 (FBC) – Godina Buunnoo Beddelleetti lafa hektaarri kuma 135 Bunaan misoomeerraa oomisha toonii kuma 78 walitti qabuuf karoorfamuun ibsame.

Godina Buunnoo Beddelleetti lafa hektaara kuma 135 bunaan misoome keessaa harki walakkaan ol buna haaraa firii gaarii kennuun bakka buufamuun ibsameera.

Mootummaan biqiltuuwwan bunaa firii gaarii kennanii fi dhukkuba dandamachuu danda’an qonnaan bultootaaf dhiyeessuun, oomishtummaan bunaa akka dabaluuf gumaacha taasisaa jiraachuun eerameera.

Haaluma kanaan godinichatti Bunni toonii kuma 78 ol kan eegamu ta’uu ragaan Biiroo Koominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.