Fana: At a Speed of Life!

Godinichatti Boloqqeen Kuntaala Kuma 100 ol gabaa alaaf qophaa’e

Finfinnee, Sadaasa 15, 2017 (FBC)-Godina Shawaa Bahaatti Omishi Boloqqee Kuntaala Kuma 100 ol Gabaa alaaf dhiyeessuuf qophaa’uun ibsameera.

Sagantaan jalqabsiisa al ergii Boloqqee bara 2017 eegalchiifameera.

Xiyyeeffanna olaanaa omishaalee daldala alaaf oolaniif kenne hojjachaa jiraachuu kan ibse godinichi qonnaan bultootaa fi abbootii qabeenyaa gidduutti walitti hidhamiinsa uumuun lafa hektaara 43 irratti kilastaraan Bolloqqee omishuun eegalamuun himameera.

Sirna jalqabsiisa al ergii irratti Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti Hoggaannaan Kilaastira Qonnaa Addisuu Araggaa qoodaa fudhattootaaf qonnaan bultoota al ergii kana irratti hirmataan jajjabeessuun beekamtii Kennanniiru.

Hojimaatni Qonna kontiraataa Sharafa alaa dabaluu keessatti gahee olaanaa akka qabaatus himameera.

Hirphoo Shiboo fi Faxxanaa Zawudeetu gabaase

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.