Fana: At a Speed of Life!

Godinichatti Baatiiwwan jahan darban Boba’aan seeraan alaa Liitirri kuma 49 ol to’atamuun ibsame

Finfinnee, Amajjii 20, 2017 (FMC) –Godina Harargee Bahaatti baatiiwwan jahan darban boba’aan seeraan alaa liitirri kuma 49 fi 300 to’atamuu Waajjirri Daldalaa Godinichaa ibse.

Boba’aan seeraan alaa kun gurguramuun Birriin miiliyoonni 4 fi kuma 800 fi kumni 90 mootummaa galii ta’uun ibsameera.

Al seerummaa gabaa boba’aa godinichatti mudataa jiru to’achuuf hojii hubannoo uumuun cinaatti tarkaanfiin seeraa fudhatamaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Daldalaa Godina Harargee Bahaa Obbo Mahaammad Kabiir Huseen ibsaniiru.

Hanga ammaattis buufataalee boba’aa gatii hin malle dabalanii fi qaamolee seeraan alaaf daddabarsan 18 Eeyyamni daldalaa ugguramuun, buufataalee boba’aa 5 irratti ammoo akeekkachiifni dhumaa kennamuun ibsameeaa.

Nageessoo Kadiiritu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.