Fana: At a Speed of Life!

Godinichatti baatiiwwan 7n darbanitti dargaggoota kuma 78 fi 630f carraan hojii uumamuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 26, 2014 (FBC) – Godina Jimmaatti baatiiwwan  7n darbanitti dargaggoota kuma 78 fi 630f carraan hojii uumamuu Waajirri carraa hojii uumuu fi ogummaa godinichaa beeksise.

Dargaggoota carraan hojii uumameef keessaa kumni 65 fi 474 waldaan gurmaa’uu fi dargaggootni kumni 13 fi 153 qaxxarriin gara hojiitti  seenuu himameera.

Dargaggootni waldaan gurmaa’an, hojiiwwan qonnaa, mukaa fi sibiila, daldala, misooma albuudaa fi tajaajilaa irratti hirmaachaa jiraachuu ibsameera.

Itti gaafatamaan waajjira carraa hojii uumuu fi ogummaa godinichaa obbo Habtaamuu Kaasaa dargaggoota carraan hojii uumameef keessaa 272 yunivarsitiirraa, 241 ammoo kolleejjii teeknikaa fi ogummaarraa kan eebbifaman ta’uu eeraniiru.

Daragaggootni kunneen  gara hojiitti seenuuf qarshii milyoona 12 fi kuma dhibba 5 fi kuma 99 qusachuusaanii addeessaniiru.

Tiraaktarootni 29, qarshii miliyoona 76 fi kuma 270 bitamaniifi iddoon hojii dargaggotaaf dabarfamanii kennamuu himaniiru.

Dargaggoota carraan hojii uumameef keessaa %25 dubartoota ta’uu kaasaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.