Fana: At a Speed of Life!

Godinaaleen 10 fi Aanaaleen addaa 6 naannoo ta’anii gurmaa’uuf Mana Maree Federeeshiniif gaaffii dhiyeessan

Finfinnee, Adoolessa 28, 2014(FBC)- Naannoo Kibbaatti Godinaaleen 10 fi Aanaaleen Addaa 6 naannootti gurmaa’uuf guyyaa har’aa gaaffii isaanii Mana Maree Federeeshiniif dhiyeessaniiru.

Gaaffii isaanii irraa kan fuudhan Af Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyaw Tashaagar, manni marichaa yeroo gabaabaa keessatti  murtoo isaa kan beeksisu ta’uu ibsaniiru.

Manneen Maree godinaalee 10 fi Aanaalee Addaa 6 naannichaa, naannootti gurmaa’uun isaanii gaaffilee misoomaafi bulchiinsa gaarii hawaasaa isaanii furuufi tokkummaa Ityoophiyummaa cimsuuf yaadamee ta’uu eeraniiru.

Zufaan Kaasaahuuntu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.