Fana: At a Speed of Life!

Godinaaleen Oromiyaa hunduu golee Nageenyaafi Misoomaati – BKO

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2016 (FBC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa dinagdee dam-daneessa damdamataa ta’e hojiirra oolchuun fayyadamummaa ummata naannichaa mirkaneessaa jiraachuun Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa beeksiise.

Karoora imala badhaadhinaa galmaan ga’uuf karoorri bara 2016 karoora xiiqii hojiin hunduu baay’ina, ariitiifi qulqullinaan hojjetamaa jiraachuu Hoogganaa Itti Aanaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Isheetuu Sirneessaan himaniiru.

Mootummaan naannichaa harka tokkoon nageenya waaressaa harka biraan ammoo misooma amansiisaa fiduun dinagdee dam-daneessaafi damdamataa ta’e godinaalee Oromiyaa dunda keessatti hojjechaa jiruun fayyadamummaan uummata mirkanaa’aa jiraachuu kaasaniiru.

Sochii dawwannaa hojiilee misooma qonnaa Godinaalee Oromiyaa keessatti hooggansa Biiroo Qonnaa Oromiyaa fi miidiyaalee biyya keessaan taasifamaa ture irratti kan hirmaatan Hoogganaan Itti Aanaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Isheetuu Sirneessaan godinaaleen Oromiyaa hunduu golee misoomaafi nageenyaa ta’uu eeraniiru.

Godinaalee kanaan dura rakkoon nageenyaa keessa ture keessatti nageenyi waara’uun uummanni fuula isaa gara misoomaatti deeffachuu dubbataniiru.

Godinaalee kanaan dura horsiisa horii qofaan beekaman keessattis hojiin qonnaa idila’aa jiraachuu himaniiru.

Rakkoo hongee kana dura muudachaa ture irraas barachuudhaan jireenyi horsiisee bulaa bakkaa bakkatti sosocho’uu qofa akka hin taaneef pirojektoota Finnaafi inisheetiivii nyaata beelladaa hojjetamaa jiruun uummanni fayyadamaa ta’aa jiraachuu ibsa miidiyaaleef kennaniin eeruu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.