Godinaalee Oromiyaa hunda keessaatti Raammoon Kompoostii hojiirra oolaa jira jedhame
Finfinnee, Muddee 26, 2014 (FBC)-Biiroo Qonnaa Oromiyaa Raammoo kompoostii babal’isuun kan eegale giddugala Warshaa Nooraa qopheessu Gudaritti bara 2009 yoo ta’u, gosti raammoo kanaa “Eisenia fetida” jedhamti.
‘Eisenia Fetida’n guyyaa 220 kan jiraattu yoo taaatu, umurii jiraattu ishee kana keessatti raammoo 300-400 bakka buustee kan duutuudha.
Raammooleen kompoostii hojjatan kunneen soorata fayyadaman keessa %5-10 qaama ofiif kan fayyadaman yoo ta’u, kan hafe %90-95 kompoostii ta’ee kan ba’uudha.
Kompoostii idilee hektaara tokkoof hanga kuntaala dhibba tokkoo kan fayyadamnu yoo tahu, Kompostii Raammoo kanaan hojjetamu garuu lafa hektaara tokkoof kuntaala 20 qofa fayyadamna.
Lafti kompoostii raammoo kanaan fayyadamnes osoo gosa xaa’oofi kompoostii biroo tokkollee hin fayyadamin marsaa 3 oomisha kennuu kan danda’u tahuu isaa qorannoon mirkanaa’eera.
Kompoostiin Raammoo ‘Eistenia Fetida’n hojjetaman gama omishaa fi omishitummaa dabaluunis tahee gabbina biyyoo keenyaa eeguun Kompostii idilee caalaa bu’a-qabeessa ta’a.
Kompoostii raammoo kana fayyadamuun baasii xaa’oo keemikaalaa bituuf baasnu yoo xiqqaate harka walakkaan hir’isuu ni dandeenya.
Hojii fi Itti fayyadamni Rammoon kompoostii kun yeroo ammaa akka naannoo Oromiyaatti Godina Booranaa irraa kan hafe Godinaalee Oromiyaa hunda bira qaqqabee kan jiru yoo ta’u, Godinaalee akka Jimmaa, Buunnoo Beddelleefi Shawaa Lixaa keessatti bal’inaan hojiirra oolaa kan jira jedhameera.
Oomishaa fi oomishitummaa dabaluu bira darbees akka madda carraa hojiifi madda galiitti ilaalamaa kan jiru waan taheef xiyyeeffannoo addaa kennuun hojiirra oolmaa isaatiif tumsuun barbaachisaa ta’uu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaarra argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.