Godinaalee Oromiyaa garaagaratti leenjiin interpirinarshiippii daldaltootaaf kennamuu eegale
Finfinnee, Sadaasa 26, 2017 (FBC)- Godinaalee Oromiyaa garaagaratti leenjiin interpirinarshiippii daldaltootaaf kennamuu eegaleera.
Haaluma kanaan leenjichi Magaalaa Asallaatti kennamuu eegaleera.
Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Daldalaa Oromiyaa Obbo Axinaafuu Damissee akka jedhanitti, leenjiin interpirinarshiippii daldaltootaaf kennamaa jiru, ogummaa daldaltoota gabbisuun, guddina diinagdee mirkaneessuuf kan tumsuudha.
Kana malees, tooftaa daldalaa akka gabbifatanii fi muuxannoon hojjechuurraa gara ogummaan hojjechuuttis akka cehan taasisuufi jedhan.
Bifuma walfakkaatuun, Magaalaa Jimmaattis leenjiin intarprinarashippii daldaltootaa marsaa lamaan kennamu eegaleera.
Leenjiin kun daldaltoota reefuu hojiitti seenan ogummaarratti bobba’aan cimsuuf itti yaadamee kan kennamu ta’uu Gorsaa Olaanaan Hogganaa Biiroo Daldalaa Oromiyaa Obbo Ahimad Abalmaariif himaniiru.
Faxxanaa Zawudee fi Abdurrahmaan Mahaammaditu gabaase.
#Oromia #Ethiopia