Fana: At a Speed of Life!

Godinaalee hongeen miidhaman deebisanii dhaabuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Eebla 25, 2015 (FBC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa Godinaalee hongeen miidhaman deebisee ijaaruuf hojii hojjechaa jiru cinatti rooba argame fayyadamuun hojiilee misooma qonnaa humna guutuun hojjechaa jiraachuu ibseera.

Godinaalee kanneen keessatti misoomni qonnaa armaan dura baay’inaan kan hin baratamne yoo ta’u, bara kana garuu rooba argameen pooteenshaala jiru hundaan misoomsuun rakkoo jiru bu’urarraa hiikuuf hojjetamaa jiraachuu himeera.

Bu’uruma kanaan Godina Booranaatti hongee dheeraa tureen booda rooba argameen hojii qonna hektaara kuma 97fi 816 facaasuuf karoorfame keessaa lafti hektaara kuma 97olii midhaan akaakuu garaagaraan uwwifameera.

Midhaan akaakuu garaagaraa hektaara kuma 97fi 847 faca’e keessaa Inisheetiivii qamadii hektaara kuma10 facaasuuf karoorfame keessaa hektaara kuma11fi 410 facaafamuun yeroo ammaa haala gaari irra jiraachuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.