Fana: At a Speed of Life!

Godinaalee fi magaalota Oromiyaa garaagaatti mariin haala yeroorratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Eebila 26, 2014 (FBC) – Shawaa Kaabaa, Iluu Abbaa Boor,Harargee Lixaa, magaalaa Buraayyuu fi Sabbataatti mariin haala yeroorratti xiyyeeffate dargaggoota waliin gaggeeffamaa jira.
Marichi ‘Finxaaleessummaan farra dhala namaati’ mata duree jedhuun gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Dargaggoonni Godina Iluu Abbaa Boor mootummaan finxaaleeyyii hidhate bakka garaa garaatti miidhaa lubbuu namaa fi qabeenya irraan gahuun biyya diiguuf hojjetaa jiru irratti olaantummaa seeraa kabachisu qaba jedhaniiru.
Dargaggoonni kunneen rakkoon hojii dhabdummaa dargaggoota godinichaa furuuf carraa hojii uumuu irratti hojjetamu akka qabus gaafataniiru.
Magaalaa Sabbataattis mariin dargaggoota kuma 1 fi 300 ol hirmaachise gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Marii kanarratti Ministira Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Haabtaamuu Ittafaa dabalatee hoggantoonni mootummaa biroon argamuu ibsameera.
Haala waqtaawaa fi qooda dargaggoonni jijjiirrama kana keessatti qaban ilaalchisee barreeffamni ka’umsaa dhiyaachuun mariin irratti gaggeeffameera jedhame.
Haaluma walfakkaattuun magaalaa Buraayyuuttis haala waqtaawaa ilaalchisee dargaggoota waliin mariin gaggeeffameera.
Marii kanarratti Komishinarri komishinii Gumruuka Dabalee Qaabataa fi hoggantoonni mootummaa naannoo Oromiyaa fi magaalichaa argamaniiru.
Godina Shawaa Kaabaa Magaalaa Fiichettis mariin kun gaggeeffamaa jiraachuu himameera.
Godina Harargee Lixaatti Mata duree ‘hirmaannaa Dargaggootaa malee, biyya gama hundaan milkoofte Ijaaruun hin danda’amu’ jedhuun mariin dargaggootaa gaggeeffamaa jira.
Marii kanarratto Af-Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurhamaan argamaniiru.
Maddi:-OBN
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.