Fana: At a Speed of Life!

Godinaalee fi magaaloota Oromiyaa garaagaraatti sagantaa duula dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoof qophiin barbaachisu taasiifamuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 14, 2016 (FBC) – Godinaalee fi Magaalota Oromiyaa garaagaraatti sagantaa duula dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo Hagayya 17, 2016 gaggeeffamuuf qophiin barbaachisu taasiifamuu ibsameera.

Magaalaa Jimmaatti Duula dhaabbii biqiltuu Hagayya 17, 2016 gaggeeffamuuf qophiin xumuramuu Waajjirri Qonnaa magaalichaa ibseera.

Boolli biqiltuu miiliyoona 1.4 gandoota jahaa keessatti qophaa’uu Itti gaafatamaa waajjira qonnaa magaalaa Jimmaa Obbo Tofiq Gidditi himaniiru.

Godina Arsii Lixaattis duula dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo Hagayya 17, 2016 akka biyyaatti gaggeeffamuuf qophiin xumuramuu himameera.

Aanaaleefi bulchiinsota magaalaa godinichaatti qophiin xumuramuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksiseera.

Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Arsii Lixaa Dooktar Abdullaahii Beekaan godinichatti ganna baranaa biqiltuuwwan akaakuu garagaraa miiliyoonni 290 ol dhaabamuu himaniiru.

Abdurahmaan Mahammadii fi Biqilaa Tufaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.