Fana: At a Speed of Life!

Godina Wallaggaa Lixaatti tarkaanfii olaantummaa Seeraa Kabachiisuuf dhiheenya kana fudhatameen, miseensonnii ABO Shanee 142 rukutaman

Finfinnee, Sadaasa 9, 2013 (FBC) – Godina Wallaggaa Lixaatti tarkaanfii olaantummaa Seeraa Kabachiisuuf dhiheenya kana fudhatameen, miseensonnii ABO Shanee 142 rukutamaniiru.

Komiishinar Araarsaa Mardaasaa ibsa kennaniin tarkaanfii humna badii ABO Shaneetiin Godina Wallagga Lixaa Aanaa Gullisootti gochi gara jabeenyaa qonnaan bultoota naannicha jiraatan irratti fudhatame asittii poolisiin Oromiyaa tarkaanfii humna kana qulqulleessuu cimsee itti fufeera jedhan.

Tarkaanfii dhiheenya kana fudhatameen, miseensonnii ABO Shanee 142 rukutamaniiru jedhan.

48 harkaaf harkatti qabamanii kan booji’aman yoo ta’u, 64 immoo erga bittinnaa’anii uummata keessa akka funaanaman ta’uu ibsaniiru.

Torban lamaa asitti sochii bifa qindaa’een humna kana Oromiyaa keessaa qulqulleessuuf hojjatamaa jiruun hawaasa keessa mandheffatanii daggalatti ABO shanee hidhatee jiru kan deeggaran namoonni kuma 1 fi 341 to’atamuu himuun, isaan keessaa namoonni 104 qabatamaan miseensota ABUT ta’uu adda baafneerra jedhan.

Meeshaaleen waraanaa boombii dabalatee 57 akkasumas rasaasni 681 to’achuu isaaniis Komiishinar Araarsaan miidiyaaf ibsaniiru.

Haala qabatamaa amma jiruun ABUT fi ABO Shaneen humna galma tokkoof hojjatan humna badii ta’uun beekkamu qaba jedhan.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.