Fana: At a Speed of Life!

Godina Wallagga Bahaatti miseensoonni ABO Shanee 300 ol harka laatan

Finfinnee, Muddee 24, 2014 (FBC) – Godina Wallagga Bahaa aanaalee Saasiggaa fi Diggaatti  waamicha Abbootiin Gadaatiin taasifameen, miseensoonni ABO Shanee dhibba 3 fi 12 harka laachuu isaanii Godinni Wallaggaa Bahaa beeksiseera.

Humni badii ABO Shanee afaaniin Ummata Oromoofan qabsa’aa jedhe kakatuus, turtii dabarsineen gochi isaa hundi lubbuu namoota nagaa baleessuu, miidhaa qaamaa gaggeessuu, qabeenya Ummataa saamuu fi mancaasuu ta’uu isaa ijaan agarre jirra jedhan miseensoonni ABO Shanee harka kennatan kunniin.

Kana irraa kaanee daandiin irraa jirru dogoggora ta’u isaa hubannee waamicha Abbootiin Gadaa taasisan fudhannee, Mootummaaf harka laaneerra jedhan miseensoonni ABO Shane aanaalee Saasiggaa fi Diggaatti harka laatan.

Humni badii kun karaa tokkoon bilisummaa Oromoofan qabsa’aa jechaa, karaa biraan ammoo Ummata siifan qabsa’aa jedhu irraa dirqamaan Birrii kaashiin akka dhiheessaniif ni gaafata, deebii yoo dhabees haala sukkaneessaa ta’een ajjeessa jedhan dargagoonni kunniin.

Kaayyoon isaanii karaa qaxxaamuuraatiin Ummata hiyyoomsanii ofii duroomu akka ta’e hubanneera, dargaggoonni kaaniis akka hin dogooggorre of eeguu qabus jedhaniiru.

Kana malees, meeshaaleen waraanaa gosa adda addaa dhibba tokkoo fi kudha lama, rasaasni adda addaa kuma lamaa fi dhibba tokkoo ol, midhaan qoonnaan bulaa irraa saaman kuntaalli dhibba sagalii fi afurtamii sagal, loon dhibba jahaa ol, firaashii kuma jahaa ol to’annaa jala ooluusaa bulchaan Godina Wallagga Bahaa obbo Alamaayyoo Tasfaayee ibsaniiru.

Yeroo ammaa humni addaa Oromiyaa, gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii fi milishaa waliin ta’uun humnoota badii godinicha keessa socha’aa jiran ABO Shanee, humnoota finxaaleeyyii Amaaraa fi Beeniin irratti tarkaanfiin hadhaawaan fudhatamaa jira jechuun kan ibsan Ajaja Lixaatti ajajaan humna addaa Oromiyaa gargaaraa komishinaraa Gaalii Kamaal, aanaalee hedduu irratti beeziin diinaa akka barbada’u tarkaanfiin fudhatamaa jira jedhaniiru jechuun OBN.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.