Godina Wallagga Bahaatti bara kana biqiltuu Bunaa miiliyoona 127 dhaabuuf hojjetamaa jira
Finfinnee, Waxabajjii 12, 2014 (FBC) – Godina Wallagga Bahaatti bara kana biqiltuu Bunaa miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 27 dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksiise.
Oomishtummaa fi fayyadamummaa qonnaan bultoonni godinichaa Oomisha bunaarratti qaban guddisuuf Aanaalee godinichaa 17 keessatti dhaabbiin biqiltuu Bunaa eegaleera.
Sadarkaa Godinichaatti Aanaa Guutoo Giddaa Ganda Qonnaan bulaa Nagaasaa jedhamutti kan eegalee dhaabbii biqiltuu bunaa kanaan biqiltuu bunaafi avokaadoo miiliyoona 6 fi kuma dhibba 8 ol dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu,Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Aanichaa, Obbo Waaggaarii Baqqalaa himaniiru.
Akka Godina Wallagga Bahaatti, biqiltuu Bunaa miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 27, akkasumas kuduraaleefi muduraaleen gara garaa kuma dhibba 5 fi kuma 56 ol kan qophaa’e yoo ta’u, biqiltuuwwan kunneen yeroo gabaabaa keessatti qaqqabanii fi Oomisha gahaa kennan ta’uu, Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Wallagga Bahaa Obbo Asfawu Hambisaa himuu OBN gabaaseera .
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.