Fana: At a Speed of Life!

Godina Walaayittaatti Sigiga Lafaan lubbuun namoota 11 darbe

Finfinnee, Adoolessa 29, 2016 (FBC)-Godina Walaayittaa Aanaa Kaawoo Koyishaa Ganda Xeeppaa balaa sigiga lafaa mudateen lubbuun namoota 11 darbe ibsame.

Balichi har’a naannawaa sa’aatii 5:00’tti kan mudate yoo ta’u, hanga ammaatti reeffi namoota 11 argamuun eerameera.

Lakkoofsi namoota balichaan lubbuun isaanii darbee dabaluu akka danda’uu eeramuu ragaan kominikeeshinii Godinichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.