Fana: At a Speed of Life!

Godina Walaayittaatti haadhi tokko daa’imman sadii nagaan ofkalte

Finfinnee,Gurraandhala 10, 2014 (FBC) – Naannoo Uummattoota Kibbaa Godina Walaayittaa Hospitaala sadarkaa 1ffaa Boodiitiitti  haadhi tokko daa’imman  sadii nagaan ofkaluu  ibsame.

Haadhi kun da’umsaan dura hospitaalichatti hordoffii ga’aa taasisaa turuu hojii gaggeessaan hospitaalichaa Dooktar Waldee Buuqaatoo ibsaniiru.

Haaluma kanaan har’a ganama naannoo sa’aatii 3:00 daa’imman 3 nagaan ofkoluu ibsaniiru.

Haadhi kun nagaan akka ofkaltuuf ogeeyyii fayyaa deeggarsa taasisan galateeffataniiru.

Fayyummaan daa’imman dhalatanii haala yaaddessaarra jiraachuu baatanis ulfaatinni isaanii hanga eegamuun gadi waan ta’eef wal’aansa fooyya’aaf gara Hospitaala Addaa Waliigalaa Yuunvarsiitii Walaayittaa Sooddootti geessamuu ibsameera.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.