Fana: At a Speed of Life!

Godina Walaayittaatti balaa Tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 15 darbe

Finfinnee, Bitootessa 6, 2017 (FMC) -Godina Walaayittaa Aanaa Daamoot Wayideetti balaa Tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 15 darbuu ibsameera.

Balichaan hanga ammaatti lubbuun namoota 15 darbuu fi namoota 21 irraa miidhaa cimaa fi 6 irra ammoo miidhaa salphaan qaqqabuu eerameera.

Namoota balichaan miidhamaniif Hospitaala Ootoonaatti yaalli taasiifamaafii jiraachuu himameera.

Konkolaataan Deddeebisa ummataa dargaggoota Magaalaa Shaashamannee Ayyaana waggaa Zigiitii Aboo Magaalaa Aarbaa Mincitti kabajame irratti hirmaatan fe’ee imalaa ture balaa kana qaqqabsiisuu ragaan aanicharraa argame ni mul’isa.

Admaasuu Arraaggaawutu gabaase.

#Oromia #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.