Fana: At a Speed of Life!

Godina Silxeetti ijaarsa proojektii Hidha Jallisii Kaaliid Diijoof dhagaan bu’uraa kaa’ame

Finfinnee, Amajjii 2, 2013 (FBC)- Naannoo Kibbaa godina Silxeetti ijaarsa Proojektii Hidha Jallisii Kaaliid Diijoof dhagaan bu’uraa kaa’ameera.
Sirna dhagaa bu’uuraa kaa’uu kanarratti Itti aanaa Preezdaantii naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw, Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inaarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa fi Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kaamiil argamaniiru.
Proojektii kanaaf baajanni Birrii biiliyoona 1.19 qabameera.
Ijaarsi proojektiicha waggaa 2 keessatti ni xumurama jedhameet eegama.
Hidhichi meetira kuma 1 fi 731 kan dheeratu yoo ta’u, meetira 27 ol ka’iinsa kan qabu ta’uu himameera.
Proojatichi wayita xumuramuu lafa hektaara kuma 1 fi 800 ol kan misoomsuu yoo ta’u, abbootii warraa kuma 2 fi 200 fayyadamoo ni taasisa jedhameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.