Fana: At a Speed of Life!

Godina Shawaa Lixaatti hojjettoota kenna tajaajilaarratti danqaa ta’an 700 ol irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Eebila 20, 2014 (FBC) –Godina Shawaa Lixaatti dhaabbilee Mootummaa keessatti hojjettoota kenna tajaajilaarratti danqaa ta’an 700 ol irratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsame.

Godinichatti sadarkaa godinaa fi aanaatti rakkooleen kenna tajaajilaa kumni 2 fi 823 adda ba’uu  fi kanneen keessaa rakkooleen 644 furmaata argachuu Ittaanaan bulchaa godina Shawaa Lixaa Obbo Takkaaliny Yimaamuu

himaniiru.

Kenniinsa tajaajilaan walqabatee hanga ammatti tarkaanfii fudhatameen hojjettoonni 42 hojiirra gaggeeffamuu,166 miindaan adabamuu,  hoggansi aanaa 67 fi hoggansi bu’uura  gandaa 26 fi hojjettoonni 22 bakka irraa kaafamuu, hojjettoota 91’f of eeggannoon barreeffamaa kennamuu fi hojjettoota 287’f of eeggannoon afaanii kennamuu eeraniiru.

Tarkaanfii fudhatameen kazinaa mootummatti Birrii miiliyoonni 1 fi kumni dhibbi 5 fi kumni 4 fi 506 ol galii ta’uu himameera.

Dabalataanis  hojjettoota mootummaa sadarkaa godinaa kiraasassabdumman shakkaman 7 to’annoo seeraa jala ooluu himuun isaanii  ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.