Fana: At a Speed of Life!

Godina Shawaa Kaabaatti proojektoonni dandamannaa jijjiirrama haala qileensaa daawwatame

Finfinnee, Sadaasa 19, 2013 (FBC) – Jilli hoggaanaa Abbaa Taayitaa Eegumsa naannoo, bosonaa fi jijjiramaa qilleensaa Oromiyaa obbo Seefaddiin Mahaddiin durfamu godina Shawaa Kaabaa Aanaa Yaayyaa Gullalleetti proojektiiwwan faallama qilleensaa too,achuuf tajaajilan daawwate.

Proojektoonni kunneen dhaabbata ‘CCA Highland’ jedhamuun kan hojjetame  yoo ta’u, jila kanaan daawwatameera.

Jilichi hojiiwwaan proojektii saatalaiyitii safartuu ragaa haala qilleensaa Birrii kuma dhibba 8 oliin aanaa Yaayyaa Gullallee ganda Gobalaas daawwateera.

Boolli paampii bishaanii humna ifa aduun hojjetu Birrii miiliyoona 1.5 ganda Limmuu Dirreetti hojjetamaa jirus daawwatameera.

Proojektichi wayita xumurame lafa hektaara 33 kan misoomsuu fi qonnaan bultoota 81 fayyadamoo taasisuu akka danda’u himameera.

Aanichaatti proojektoonni misoomaa Birrii miiliyoona 11 hojjetaman qonnaan bultoota kuma 4 ol fayyadamoo taasiisu danda’u jedhameera.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.