Fana: At a Speed of Life!

Godina Shawaa Kaabaatti jiraattoonni Aanaa Warra Jaarsoo hiriira balaaleffannaa Shanee gaggeessan

Finfinnee, Eebila 20, 2014 (FBC) – Godina Shawaa Kaabaatti jiraattoonni Aanaa Warra Jaarsoo hiriira balaaleffannaa Shanee gaggeessaniiru.

Jiraattonni aanichaa gochaa badii fi sukkanneessaa namaa fi qabeenyarratti  garichi raawwachaa jiru balaaleffachuun hirira ba’aniiru.

Yeroo ammaa tarkaanfii mootummaan fudhachaa jiruun hanga tokko tasgabbii argachuu ibsaniiru.

Tarkaanfii fudhatamaa jiru kan deeggaranii fi nageenya waaraatiif ga’ee isaanii kan ba’atan ta’uu hirmaattonni hiriirichaa ibsaniiru.

Hawaasni tumsa qaamolee nagenyaatiif taasisaa jiru cimsee itti fufuu akka qabu  Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa aanichaa obbo Ayyalaa Hayilayyasuus gaafataniiru.

Dargaggoonni humna jiijirramaa ta’uun Shanee irratti tarkaanfii eegalame adda durummaan tumsu akka qaban  Itti gaafatamtuun Ijaarsa Paartii Badhaadhinaa Godina Shawaa Kaabaa Aadde Hawwaa Abduu dhaamuu OBN gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.