Fana: At a Speed of Life!

Godina Shawaa Bahaatti motar Saaykiloonni 377 to’ataman

Finfinnee, Bitootessa 3, 2012 (FBC) – Godina Shawaa Bahaa Aanoota toorbatti sakkata’insa tasaa gaggeeffameen yakkaaf kan oolaan motar Saaykilonni 377 to’atamuu poolisiin beeksise.

Hogganaan qunnamtii ummataa qajeelcha poolisii godinichaa Komaandar Ashaalaw Alamuu akka ibsanitti motar saaykiloonni to’ataman seera qabeessa kan hin taanee fi lakkoofsa gabatee, boolloo fi wabii uwwisa qaama sadaffaa kan hin maxxanfannedha jedhan.

Komaandar Ashaalaw Alamuu motar saaykiloota kanaan hannaa fi daddabrsa meeshaa waraanaa ni raawwatama jedhaniiru.

Akka gabaasaa TOItti tarkaanfichi motar saaykilii seeraan alaa fayyadamuun hanna raawwatamuu fi yakkoota garagaraa ittisuu kan fudhatame ta’uu ibsaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.