Fana: At a Speed of Life!

Godina Shawaa Bahaatti boloqqeen Mekaanaayizeeshiniin deeggeramee kilaasteraan faca’e

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2015 (FBC) – Qonna Gannaa bara kanaatiin oomishaalee qonnaa al-ergee baayyinaafi qulqullinaaan oomishuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonna Oromiyaa beeksiseera.

Oomisha Al ergii lafa babal’aarratti kilaasteraan misoomsuun guddina diinagdee qonnaa naannoo Oromiyaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachhu ibseera.

Bara kana misooma Boloqqee lafa hektaara kuma 800 irratti misoomsuun oomisha kuntaala miiliyoona 10.17 argachuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti hektaarr kumnii 107 fi 479 faca’uu ragaan Biiroo Qonnaarraa argame ni mul’isa.

Guyyaa har’aas Godina Shawaa Bahaa Aanaa Adaamii Jiddoo Tulluu Kombolchaatti boloqqeen Mekaanaayizeeshiniin deeggeramee kilaasteraan faca’uu ibseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.