Fana: At a Speed of Life!

Godina Shawaa Bahaatti balaa tiraafikaa mudateen daandii cufame banuuf hojjetamaa jira-KPO

Finfinnee, Sadaasa 27, 2016 (FBC)- Godina Shawaa Bahaatti balaa tiraafikaa Matahaaraa fi Olancitii gidduutti mudatee, Konkolaataa Boottee garagaleen daandii cufame saffisaan banuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Koomishiniin Poolisiin Oromiyaa beekise.

Koomishinichatti, Itti Gaafatamaan Qajeelcha Olaanaa To’annoo fi Nageenya Tiraafikaa Komaandar Balaachoo Tikkii FBC’f akka himanitti, har’a Godina Shawaa Bahaatti balaa tiraafikaa mudateen daandiin cufameera.

Daandicharratti konkolaataan bootte garagaluun sochii tiraafikaa gufachiisuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan konkolaattonni kallatti Martahaaraa fi Olancitiirraa dhufan yeroof sochii isaanii akka dhaabanii fi fayyadamtoonni sararri daandichaa, daandichi hanga banamutti obsaan akka eegaan gaafataniiru.

Miikiyaas Ayyalaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.