Fana: At a Speed of Life!

Godina Saba Oromoo Magaala Kamiseetti haala waqtaawaa ilaalchisee kutaalee hawaasaa waliin mariin gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 25, 2016 (FBC) – Naannoo Amaaraa Bulchiinsa Godina Saba Oromoo Magaala Kamiseetti haala waqtaawaa ilaalchisee kutaalee hawaasaa waliin mariin gaggeeffameera.

Marichi mata duree “tokkummaa sabdaneessummaa obbolleessummaa fi obbolleettummaa nageenya amansiisa fi itti fufinsa qabu naannawaa keenyaaf ” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Walitti qabaa Komaand Poostii Giddugala Shawaa Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa dabalatee qondaaltoonni olaanoon Raayyaa Ittisaa, Itti Gaafatamtoonni Bulchiinsa godinichaa, aanaalee, Bulchitoonni Godinaalee Shawaa arfanii, qaamoleen dhimmichi ilaallatu kan Naannoo Afaar, Abbootiin Gadaa, abbootiin amantaa fi Jarsoolii biyyaa maricharratti argamaniiru jedhame.

Kaayyoon waltajjichaa naannawicha nageenya waaraa mirkaneessuuf ta’uu ibsameera.

Naannawichatti nageenya waaraa mirkaneessuuf kan hojjetan ta’uu hirmaattoonni kunneen himaniiru.

Rakkoo godinaalee kanneenitti mudate maskuuf waldhaggeeffannaa fi wal hubannaan hojjechuuf murannoo qabaachuu ibsamuu ragaan Qajeelcha Kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.