Fana: At a Speed of Life!

Godina Qellem Wallaggaatti biqiltuun gosa garagaraa miiliyoonni dhibbi 2 ol dhaabbiif qophaa’e

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2013 (FBC)- Godina Qellem Wallaggaatti sagantaa Ashaaraa Magariisaa ganna kanaaf kan oolu biqiltuun mukaa gosa garagaraa miliyoonia dhibbi 2 fi miiliyoonni 32 dhaabbiif qophaa’uu Waajjirri Qonnaa fi Qabeenya uumamaa Godinichaa beeksise.

Biqilaan qophaa’e kunis, tajaajila adda addaaf kan ooluu yoo ta’u, lafa hektaara kuma 56 fi 864 akka uwwisuu Itti Aanaa Itti Gaafatamaan Waajjirichaa Obbo Addisuu Cannaqaa himan.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa mata duree “Itoophiyaa haa uwwisnu’’ jedhuun biqilaan nyaataa nama fi horiif oolan miiliyoonni dhibbi 1 fi miliyoonni 4 duulaan lafa hektaara kuma 21 fi 547 irratti kan dhaabbamuu ibsameera.

Filannoo Biyyaalessaa dhiyeenya geggeeffame sababeeffachuun guyyaa tokko qofatti Biqilaan Miliyoona 2 dhaabbachuus Obbo Addisuun yaadachiisaniiru.

Gannuma kanas hojii Kenna Tajaajila lammummaatiin Dargaggoota hirmaachisuun bifa duulaan biqilaa Miliyoona 1 dhaabuuf karoorfamuu ibsuusaanii ragaan waajjira kominikeeshinii godina Qellem Wallaggaarra argameeni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.