Godina Qellem Wallaggaa Magaalaa Dambii Doollootti manni murtii aadaa hundaa’e
Finfinnee, Bitootessa 8, 2014 (FBC) –Godina Qellem Wallaggaa Magaalaa Dambii Doollootti manni murtii aadaa hundaa’uu ibsameera.
Caffeen Mootummaa naannoo Oromiyaa aadaa fi duudhaan uummata Oromoo bakkatti akka deebi’uuf hojii hojjetaa jiruun labsii lakk 240 mana murtii aadaa sadarkaa Oromiyaatti akka hundaa’uuf yaa’ii isaan murteessee jira.
Bu’uuruma labsichaatiin magaalaa Dambii Doolloottis manni murtii aadaa bakka qaamoleen hawaasaa gara garaa argamanitti hundaa’eera.
Hundeeffamuun mana murtii aadaa, Oromoo duudhaa isaa ganamaatti kan deebisu waan ta’eef wal-dhabdee hiikuu bira darbee gama hundaan faayidaa qabaachuu ibsameera.
Manni murtii aadaa hundaa’uun aadaan uummata Oromoo uwwisa heeraa fi seeraa argatee duudhaa kaleessaatti deebisuun ragaa sobaa hambisuun karaa safuu fi kabajaa saba Oromoo eegeen haqni uummataa akka argamu kan taasisuudha jedhamuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii Godina Qellem Wallaggaarraa argme ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.