Fana: At a Speed of Life!

Godina Matakkalitti olaantummaa seeraa kabachiisuu cinaatti araaraa fi tokkummarratti xiyyeeffachuun hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Amajjii 17, 2013 (FBC) – Godina Matakkalitti olaantummaa seeraa kabachiisuu cinaatti araaraa fi tokkummarratti xiyyeeffachuun hojjetamaa jiraachuu Koreen Humna Qindoomaa hundaa’e beeksise.

Godinichatti qaamolee nageenyaa eeyyamameefi ala meeshaalee waraanaa qabatanii socho’uun kan hin eeyyamamne ta’uu korichi beeksiseera.

Naannoo Beenishaangul Guumuuz godina Matakkalitti yeroo garaagaraatti haleellaa shiftoonni raawwataniin lammiileen hedduun ajjeefamuu fi qabeenyi barbadaa’uun kan yaadatamuudha.

Nageenya godinichaa mirkaneessuuf koreen humna qindoomaa mootummaa federaalaan hundaa’e hawaasa naannichaa waliin hojii qindoomina qabu hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Yeroo ammaas naannichatti haalli nageenyaa fooyya’aa dhufuu himameera.

Olaantummaa seeraa kabachiisuu cinaatti araaraa fi tokkummarratti xiyyeeffachuun hojjetama jiraachuu Sadarkaa ministiraatti qindeessaan giddu gala ijaarsa Diimookraasii fi qindeessaan damee hawaasummaa korichaa obbo Tasfaayee Baljigee ibsaniiru.

Godinichaatti mariin ummataa sadarkaa garaagaraatti gaggeeffameen bu’aa gaariin argamuu himaniiru.

Humnichi hawaasa naannoo waliin marii taasiisee fi raadiyoo hawaasaa fayyadamuun hojii hojjetameen lammiileen qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’an deebi’aa jiraachuu ibsaniiru.

Hanga ammaattis miseensonni hawaasa Guumuuz kumni 25 ol gara qa’ee isaaniitti deebi’uu himaniiru.

Duula olaantummaa seeraa mirkaneessuu gaggeeffamaa jiru kan qajeelchaan Leetanaan Jeneraal Asiraat Denneeroo gama isaaniin, hawaasni naannichaa yakkamtoota qaamolee nageenyaaf dabarsee laachuun ga’ee irraa eegamu akka ba’u waamicha dhiyeessaniiru.

Garee farreen nageenyaarratti tarkaanfiin fudhatamu cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Qaamolee nageenyaa seeraan eeyyamameefiin ala qaamni kamiiyyuu meeshaalee waraanaa qabatanii socha’uun kan hin eeyyamamne ta’uu ibsaniiru.

Qaama dhorkama kana darbee argame kamiiyyuurratti tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu ibsaniiru.

Nageenya naannichaa eeguuf jecha dhorkama yeroo kaa’ame seeraan kabachuun akka barbaachisu yaadachiisaniiru.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

 

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

 

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.