Fana: At a Speed of Life!

Godina Matakkalitti namoonni kumni 1 ol too’annoo jala ooluun dhimmi isaanii seeraan ilaallamaa jira jedhame

Finfinnee, Muddee 4, 2013 (FBC) – Naannichaatti olaantummaa seeraa mirkaneessuuf hojii hojjetameen namoonni dhuunfaan kumni 1 ol too’annoo jala ooluun dhimmi isaanii seeraan ilaallamaa jiraachuu Komaand Poostiin godina Matakkal beeksisee.
Godinichaatti farreen nageenyaa 284 irratti tarkaanfiin fudhatamuu Komaand Poostichi ibseera.
Hoggantoota mootummaa naannoo hanga aanaa jiran farreen nageenyaa waliin hidhata qabaachuun shakkaman 66 irratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsameera.
Oppireeshinii Komaand Poostiin gaggeesseen namoonni 50 yoo booji’aman, 43 ammoo harka laataniiru jedhame.
Miseensota Poolisii imaanaa itti laatame hin baane 32 fi miseensonni riphee lolaa 35 too’atamuun dhimmi isaanii seeraan ilaallamaa jiraachuu Komaand Poostichi beeksiseera.
Duula olaantummaa seeraa mirkaneessuu godinicha keessatti gaggeeffameen meeshaaleen waraanaa 227 fi uffanni seeraa humna waraanaa qabamuu ibsameera.
Jeequmsa naannichaatti uumameen hanga ammaatti namoonni kumni 22 fi 768 qa’ee fi qabeenya isaanirra buqqa’uu eerrameera.
Rakkoo nageenyaa godina Matakkal waaraan furuuf milishawwan haaraa kuma 2 fi 679 leenjisuun hawaasa akka eegaan taasiifamu ragaan Waajjira Koominiikeeshinii mootummaa Godina Matakkalii argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.