Fana: At a Speed of Life!

Godina Matakkalitti meeshaaleen waraanaa booji’aman

Finfinnee, Hagayya 16, 2014 (FBC) – Godina Matakkal Aanaa Daanguraatti oppireeshinii gaggeeffameen humnoota diinaa barbadessuun meeshaaleen waraanaa booji’amaniiru.

Ittigaaftamaan Qajeelcha Ijaarsa Nageenyaa Godinichaa Obbo Mulaalam Waaqjiraa, oppireeshinii Aanaa Daanguraatti gaggeeffameen humnoonni diinaa 4 yoo barbadeeffaman, doqdoqqee, bireenii dishqaa, kilaashii fi kanneen biroon booji’amaniiru.

Naannawichaatti nageenya waaraa ittifufsiisuuf oppireeshinii godinaan hogganamuun humni diinaa laamsha’aa jiraachuu ibsaniiru.

Ittaanaa Bulchaan Aanaa Daanguraa Obbo Habtaamuu Baamaanuu gama isaaniin, hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu gaggeeffamaa jiru hordofee lammiilee qe’ee isaanitti deebi’an, deebisanii dandamachisuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Miseensonni milishaa aanichaas dirqamaa isaanii bahachuu fi nageenya naannawichaa itti fufsiisuuf qophii ta’uu ragaan Kominikeeshinii Godina Matakkal irraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.