Fana: At a Speed of Life!

Godina Matakkalitti hidhattonni lammiilee nagaarratti haleellaa raawwataa turan 17 too’annoo jala oolan

Finfinnee, Muddee 25, 2013 (FBC) – Godina Matakkalitti hidhattonni lammiilee nagaarratti haleellaa raawwataa turan 17 hirmaannaa uummataan too’annoo jala ooluu Qajeelchi Kora Bittinsaa fi Eeggumsa Farra Riphee Lolaa Naannoo Beenishaanguul Guumuuz beeksise.
Qajeelchi Kora Bittinsaa fi Eeggumsa Farra Riphee Lolaa Naannoo Beenishaanguul Guumuuz fi koreen Komaandi Poostii naannichatti hundaa’e waliin ta’uun yakkamtoota seeratti dhiyeessuuf qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsmeera.
Hojii duula olaantummaa seeraa kabachiisuu hojjetamaa jiruun shiftoonni hedduun harka laachaa jiraachuu ajejaa olaanaan qajeelchichaa Komaandar Doosaa Goshuu ibsaniiru.
Duulaa gaggeeffameen hidhattoonni aanaalee Daanguur, Dibaaxxee, Bulanii fi Maandhuuraa keessa sosocho’aa turan 17 eeruu ummataan too’annoo jala ooluu himaniiru.
Kaardiin moobaayilaa birrii kuma 29 olitti tilmaamamu abbaan 5, 10, 50,100, Qorichoonni, xiyyaawwan 290 fi meeshaaleen waraanaa aadaa biroo hidhatoota kanneen waliin too’annoo jala ooluu eerrameera.
Gareen hidhattootaa kun uffata seeraa humna addaa naannoo Amaaraa fi Beenishaanguul Guumuuz uffataanii haleellaa raawwachaa turuu isaanii Komaandar Doosaan ibsaniiru.
Maddi:-TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.