Fana: At a Speed of Life!

Godina Matakkal Aanaa Daanguritti yeroo garagaraatti lammiilee nagaarratti miidhaa qaqqabsiisaa kan turan shiftoota 16 irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Onkololeessa 30, 2013 (FBC) – Godina Matakkal Aanaa Daanguritti yeroo garagaraatti lammiilee nagaarratti miidhaa qaqqabsiisaa kan turan shiftootni 16 ajjeefamaniiru.

Shiftoota kana irratti tarkaanfii kan fudhatan naannichatti nageenya fiduuf hojjechaa kan jiran Raayyaa Ittisa Biyyaa, poolisii federaalaa fi humnoota nageenyaa naannichaa ta’uu ibsameera.

Humnoota badii ergama fudhatanii lammiilee nagaa irratti miidhaa qaqqabsiisaa guutummatti balleessuu fi naannichatti nageenya waaraa fiduuf tarkaanfii fudhatamaa jiru cimee itti fufuu ragaan waajjira dhimmoota kominikeeshinii naannichaarra argane ni mul’isa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.