Fana: At a Speed of Life!

Godina Majaangitti roobni cabbiin walmakatee roobe midhaan lafa heektaara kuma 3 fi 800 irratti miidhaa qaqqabsiise

Finfinnee, Eebila 28, 2014 (FBC) – Naannoo Gaambeellaa godina Majaang aanaa Darreetti roobni cabbiin walmakatee roobe midhaan lafa heektaara kuma 3 fi dhibba 8 olirratti miidhaa qaqqabsiisuu ibsameera.

Aanichatti gandoota muraasa keessatti roobni cabbii fi qilleensa makatee roobe midhaan lafa heektaara kuma 3 fi dhibba 8 olirratti, oomisha kuduraa fi muduraa akkasumas manneen jireenyaa irratti miidhaa qaqqabsiisuu bulchaan aanichaa obbo Yisihaaq Abrahaam ibsaniiru.

Miidhaa qaqqabeen rakkoo wabii nyaataa hawaasa mudatu furuuf ammumarraa qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Daayrektarri olaanaan Ejensii Ittisa Balaa naannichaa obbo Gaatbeel Muun miidhaan qaqqabe olaanaa ta’uu ibsuun, rakkoo hawaasaa furuuf mootummaa federaalaa fi naannichaa waliin mari’achuun kan hojjetan ta’uu kaasaniiru.

Qaamoleen dhimmi ilaallatus deeggarsa barbaachisaa akka taasisaniif waamicha dhiyeessuu ragaan biiroo kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.