Fana: At a Speed of Life!

Godina Jimmaatti rakkoolee dhaabbiilee fayyaa hiikuuf hojiiwwan hojjatamaa jiran jajjabeessadha jedhame

Finfinnee, Sadaasa 1, 2015 (FBC) – Godina Jimmaatti rakkoolee dhaabbiilee fayyaa hiikuuf hojiiwwan hojjatamaa jiran jajjabeessaa ta’uu ibsameera.

Godinichatti dhaabbileen fayyaa deeggarsa dhaabbata ‘Cordaid’ irraa argataniin hojiin hojjatan daawwatameera.

Daawwannichaanis mooraa dhaabbiilee fayyaa hawwataa gochuu kaasee, hanqinni kutaalee fi meeshaalee wal’aansa gara garaa furamuu ibsameera.

Embaasii Neezarlaand Ityoophiyaatti argamutti Itti gaafatamaan damee fayyaa Frank Dii Loojii, waggoottan 3n darban mootummaan Neezarlaand godina Jimmaa fi Gujiitti rakkoo dhaabbilee fayyaa hiikuuf hojjataa turuu himaniiru.

Dhaabbiileen fayyaa godina Jimmaa jijjirama fiduu isaaniitto gammaduu eeruun, muuxannnicha iddoolee birootti babal’isuun barchisaa ta’uu kaasaniiru.

Itti gaafatamaan waajira fayyaa godina Jimmaa obbo Fu’aad Saabit gama isaan, deeggarsa dhaabbatichi taasiisuun buufataalee fayyaa 121fi hospitaaloota 8 keessatti jijjiramni qabatamaa argamu himaniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.