Fana: At a Speed of Life!

Godina Jimmaatti qonna arfaasaafi gannaan lafa hektaara kuma 651 misoomauuf karoorfamee hojjatamaa jira

Finfinnee, Eebla 25, 2015 (FBC) – Godina Jimmaatti qonna arfaasaafi gannaan lafa hektaara kuma 651 misoomsuuf karoorfamee hojjatamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise.

Hanga ammaattis qophiin maasii %80n xumuramuun himameera.

Sanyiin filatamaafi xaa’oon qonnaan bultootaaf raabsamaa jiraachuu Itti gaafatamaan Waajjira qonnaa godina Jimmaa Obbo Mahammad Xahaa Abbaa Fiixaa dubbataniiru.

Bulchaan godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir gama isaaniitiin, qonna arfaasaafi gannaa bara kanaatiin Qamadii, Boqqolloo, Ruuziifi gosootni midhaan wabii nyaataa mirkaneessuuf gargaaran kan misooman ta’uu ibsaniiru.

Lafa misoomsuuf karoorfame kana irraa callaa kuntaala miiliyoona 28 argachuuf kan hojjetamu ta’uu Obbo Tijjaaniin himaniiru.

Qonnaan bultootni kuma 400 ol Qonnaa Arfaasaa fi Gannaa kanarratti kan hirmaatan ta’uu ibsameera.

Muktaar Xahaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.