Fana: At a Speed of Life!

Godina Jimmaatti oomishtummaan Habaabii baramaa fi dabalaa dhufeera

Finfinnee, Bitootessa 13, 2017(FMC) – Qonnaan bultoonni Godina Jimmaa aanaa Shabee Somboo oomisha habaabii sassaabaa jiru.

Godinichatti misoomni habaabii waggaa 2n dura kan eegale yoo ta’u, yeroo ammaa oomishaaf ga’ee sassaabamuu eegaleera.

Misoomni Habaabii kanaan dura godinichatti kan hinbeekamne ta’uu fi ammaa deggersa ogeeyyii qonnaa irraa fi muuxannoo abbootii qabeenyaa tokko tokko irraa argataniin qonnaan bultoonni ooyiruu isaaniii keessatti oomishuu baramaa dhufeera.

Bulchaan aanaa Shabee Somboo obbo Mahammadsaanii Abbaa Olii, misoomni kun bu’a qabeessa ta’uu isaatiin abbootiin qabeenyaa muuxannoo gama kanaan jiru qonnaan bultoota naannoo isaaniif qooduu waan eegalaniif, qonnaan bultootni ooyiruu isaanii keessatti misoomsuun fayyadamaa ta’aa jiru jedhaniiru.

lafa heektaara 257 irratti habaabiin misoomaa jiraachuu fi heektaara 1 irraa omishni kuntaalli 215 akka argamus himameera.

Kanuma irraa ka’uun fedhiin namoota damicha irratti hirmaachuu barbaadanii dabalaa dhufuun ibsameera.

Muktaar Xaahaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.