Fana: At a Speed of Life!

Godina Jimmaatti misooma jallisiin lafti heektaarri kumni 400 ol sanyiin uwwifame

Finfinnee, Sadaasa 24, 2016 (FBC) – Godina Jimmaatti misooma jallisiin lafti heektaarri kumni 400 ol sanyiin uwwifamuu Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksise.

Godinichatti bara kana lafa kuma 400 jallisiin misoomsuuf karoofamee hanga ammaatti lafti heektaarri kumni 400 fi 2 sanyiin uwwifamuu Itti Itti Aantuu Gaafatamtuun Waajjira Qonnaa godinichaa Aadde Rahimmaa Gaaliin FBCtti himaniiru.

Lafa faca’e keessaa heektaarri kumni 100fi kumni 45 JPSiin kan adda ba’e ta’uu Aadde Rahimaan himaniiru.

Xaa’oon NPSiifi Yuriyaan qonnaan bultootaaf dhihaachaa jiraachuu ibsameera.

Kana malees, xaa’oon uumamaa hojiirra oolaa jiraachuu ibsameera.
Muktaar Xahaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.