Fana: At a Speed of Life!

Godina Jimmaatti mata duree “sosochii waldalee qaala’iinsa jireenyaa hirrisuuf” jedhuun mari’atame

Finfinnee, Caamsaa 15, 2014 (FBC) – Godina Jimmaatti Qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf qaamolee hawaasaa garagara waliin mari’atameera.
Marichi mata duree “sosochii waldalee qaala’iinsa jireenyaa hir’isuuf” jedhuun kan gaggeeffame yoo ta’u, gaggeessitoonni waldaalee fi aanaalee hirmaataniiru.
Marichaan, qajeelfamnii fi danbiin hojii irra ooluu dhabuu, iftoominni dhibuun, kiraa sassaabdummaa fi hojii tokko qofa irratti xiyyeeffachuun, waldaaleen qonna maraa kaayyoo hundeeffamaniif galma akka hin geenya gufuu ta’uu ka’eera.
Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir, waldaaleen hojii gamtaa humna guutuun miseensootaa fi hawaasaaf tajaajila kennaa akka hin jirre eeraniiru.
Kunis yeroo itti aanu keessa sirreeffamuu akka qabu dubbatan.
Hoggantuun Eejensii Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa Aadde Masarat Asaffaa gama isaaniitiin, rakkoolee ka’an furuun, waldaaleen hojii gamtaa qaala’iinsa gatii hir’isuu keessatti qooda akka fudhatan xiyyeeffannoon kan hojjetan ta’uu himaniiru.
Muktaar Xahaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.