Fana: At a Speed of Life!

Godina Jimmaatti lafti heektaara kuma 62 ol irratti Qamadiin jallisiin misoomaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 14, 2014 (FBC) – Hoggansi garaagaraa, ogeessonni qonnaa fi qonnaan bultoonni godina Shawaa bahaa oomisha qamadii jallisii godina Jimmaa daawwatan.

Qaamoleen kunneen Aanaa Geeraa ganda Baraa Dedoo fi Aanaa Gumaay ganda Baraa Warangootti qamadii jallisiin misoomaa jiru daawwataniiru.

Ittaanaan Ejensii Waldaa Babal’ina Hojii Gamtaa Oromiyaa Obbo Masfin Raggaasaan akka nannoo Oromiyaatti hojiin misooma qamadii xiyyeeffannaa guddaan  hojjetamaa jiraachuu ibsuun sirni muuxannoo wal jijjiirraa misooma kana fooyyessuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Ittaanaan Bulchaa Godina Jimmaa Obbo Yusuuf Shaaroo gamsaniin godinichatti muuxannoo bara darberraa argame caalmaatti guddisuun bara kana lafa hektaara kuma 62 ol irratti qamadiin jallisiin misoomaa jiraachuu ibsaniiru.

Qaamoleen daawwannaa kana irratti hirmaatan aanolee kanneen keessatti hojiin misooma qamadii jallisii jajjabeessaa ta’uu ibsuun muuxannoo argatan gara naannoo isaaniitti babal’isuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Tasfaahuun Kabbadaatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.