Fana: At a Speed of Life!

Godina Jimmaatti Hospitaalli Atinaagoo eebbifamuun tajaajilaala eegale

Finfinnee, Adoolessa 1, 2016 (FBC) – Godina Jimmaatti Hospittaalli Atinaagoo Birrii miiliyoona 320 ijaarame eebbifamuun tajaajilaala eegaleera.

Bulchaan godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir, hospitaalichi rakkoo fayyaa hawaasaa aanaa Limmuu Saqqaafi aanaalee ollaa akka furu dubbataniiru.

Hospitaalli kun jiraattoota kuma 450 oliif tajaajila kan laatu ta’uu eerameera.

Itti Aanaa hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Kushaa Balakkoon fayyaa hawaasaa mirkaneessuuf bara kana naannoochatti Piroojektootni 400 ol xumuramanii tajaajilaaf banaa ta’uu dubbataniiru.

Muktaar Xahaafi Amiinaa Abdallaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.