Fana: At a Speed of Life!

Godina Jimmaatti  guyyaa tokkotti gaagurri  ammayyaa kuma 3 qonnaan bultootaaf raabsame

Finfinnee, Muddee 16, 2014 (FBC)- Godina Jimmaatti  guyyaa tokkotti gaagurri dammaa ammayyaa kuma 3 qonnaan bultootaaf raabsame.

Ittaanaan hogganaa biiroo qonnaa fi qabeenya uumama oromiyaa obbo Toleeraa Dabalaa akka naannoo oromiyaatti inisheetivii oromiyaa galaana dammaa ni goona jedhuun hojiin gaarii hojjettama jiraachu himaniiru.

Bara kana gaagura ammayyaa kuma dhibba 3 ol qonnaan bulaaf raabsuf karoori qabamu ibsaniiru.

Oomisha dammaa toonii kuma 70 ni argamaa kan abdatamu ta’uu ibsaniiru.

Godinaaleen Oromiyaa 13 oomisha dammaaf human guddaa kan qaban ta’u obbo Toleeraan dubbataniiru.

Godinnichatti inisheetivii misooma dammaa “Oromiyaa galaana dammaa ni goona” jedhuu milkeessuuf oomisha dammaaf xiyyeeffannaan kennamee hojjettama jiraachuu bulchaan godinichaa obbo Tijaanii  Nasiir ibsaniiru.

Bara kana gaagura ammayyaa kuma 67 ol qonnaan bultoota biraan gahuuf karoorfamee %40 raawwachuu dubbataniiru.

Oomisha dammaa gaaguraa tokkorraa argamu kiiloogiraama 30 irraa gara kiiloogiraama 40tti guddisuuf hojjettama jiraachu ibsaniiru.

Bara kana oomisha dammaa tonii kuma 30 argamsiisuuf  hojjettama jiraachuu kaasaniiru.

Dameen oomisha dammaa dargaggoota kuma 13 oliif  carraa hojii uumaa jedhaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.