Fana: At a Speed of Life!

Godina Jimmaatti facaasaan oomisha ruuzii kilaastara eegalame

Finfinnee, Adoolessa 5, 2014 (FBC) – Godina Jimmaatti facaasaan oomisha ruuzii kilaastara eegalameera.

Godinichatti bara darbe oomisha ruuzii lafa heektaara kuma 2 fi 100 irratti oomishamerraa callaan kuntaalli kumni 76 argamuu  Itti gaafatamaan Waajjira  Qonnaa godinichaa  Obbo Eliyaas Indiriyaas ibsaniiru.

Bara kana godinichatti oomisha ruuzii lafa hektaara kuma  30 irratti kilaastaraan oomishuun callaa kuntaala miliyoona 1 ol argamsiisuuf sochiin eegalamuu Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir eeruu ragaan Waajjira qonnaa godinichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.