Fana: At a Speed of Life!

Godina Jimmaatti facaasaan misooma jallisii bara 2017 eegalame

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2017 (FBC) – Godina Jimmaatti bara kana lafa hektaara kuma 500 ol jallisiin misoomsuuf ha’a Aanaa Dedootti facaasaan eegalamuu ibsameera.

Bulchaan godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir godinichatti waggaadhaa waggaatti lafti jallisiin misoomu dabalaa jiraachuu dubbataniru.

Bara kanasa lafa heektaara kuma 510 irratti qamadii jallisiin misoomuuf hojiin facaasaalamuu eeraniiru.

Qonnaan bultootni kumni 400 ol hojii misooma jallisii bara kanaarratti kan hirmaatan ta’uu ibsaniiru.

Misooma jallisii bara kanaaf hanqinni sanyiifi xaa’oo akka hin mudanneef qophiin taasifamuu eerameera.

Muktaar Xahaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.