Fana: At a Speed of Life!

Godina Jimmaatti dhaabbiilee fayyaa hawwataa fi miidhagaa taasisuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 13, 2013 (FBC)- Godina Jimmaatti dhaabbiilee fayyaa hawwataa fi miidhagaa taasisuuf hojjetamaa jira
Godinichatti hojiin dhaabbilee fayyaa miidhagsuu bara darbe buufatalee fayyaa 63 fi hospitaaloota 4 keessaatti hojjetamu kan eegale.
Hojichi bu’a qabeessa ta’uu isaatiin walqabatee yeroo ammaa aanolee godichaa 21 keessatti buufatalee fayyaa 121 fi hospitaaloota 8 keessatti hojjetamaa jiraachuu isaati kan himame.
Dhaabbileen fayyaa iddoo namoonni tajaajila fayyaa itti argatan qofa osoo hin ta’in, barumsa argatanii qulqullina qe’ee fi dhunfaa ofii eeguun dhibeerraa of baraaran ta’uu Itti gaafatamaan waajjira Eegumsa Fayyaa Godina Jimmaa obbo Yesuuf Shaaroo kan dubbatan.
Hojiin dhaabbilee fayyaa miidhagaa fi hawwataa taasisuu ajandawwan tiransformeeshinii fayyaa 2ffaa keessaa isa tokko kan jedhan obbo Yesuuf kana faana kenniinsa tajaajila fayyaa ammayyeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru.
Hojiin kun naannoo Oromiyaatti godina Jimma fi Boranaatti galii keessoofi deeggarsa CORD AIDin hojjetamaa jira.
Muktaar Xahaatu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.