Fana: At a Speed of Life!

Godina Jimmaatti bara kana manneen qonnaan bultootaa ammayyaa kumni 1 ol ijaaramuufi

Finfinnee, Caamsaa 29, 2014 (FBC) – Godina Jimmaatti ijaarsi mana moodeela qonnaan bulaa baadiyyaa eegalameera.

Sagantaa ijaarsa mana qonnaan bulaa adda duree inisheetiivii haaraa Mootummaan Naannoo Oromiyaa eegalchiiseen kan jalqabe yemmuu ta’u, sadarkaa godinichaatti guyyaa har’aa aanaa Gommaatti eegalameera.

Af yaa’iin caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan Mootummaan Naannoo Oromiyaa jireenya qonnaan bulaa fooyyessuuf xiyyeeffannaan hojjachaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojiin ijaarsa mana jireenyaa qonnaan bulaa eegalame kun cimee itti fufuu akka qabuS dhaamaniiru.

Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir gamasaaniin, godinichatti sagantaa kanaan mana qonnaan bulaa adda duree kuma 1 fi 168 ijaaruuf karoorfamuu ibsuun, hojii kanaaf kan oolu maashinni suphee oomishuu  12 Birrii miiliyoona 3.6’n dhiyaachuun hojii eegaluu eeraniiru.

Warqaafarraawu Yalaawutu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.