Fana: At a Speed of Life!

Godina Jimmaatti abbootiin warraa kumni 400 ol miseensa inshuraansi fayyaa ta’uun isaanii ibsame

Finfinnee, Qaammee 2, 2013 (FBC)- Godina Jimmaatti abbootiin warraa kumni dhibbi 4 fi kumni 45 fi 529 miseensa inshuraansi fayyaa ta’uun isaanii ibsameera.

Godinichatti hojiiwwan fayyaatiin bu’aan jajjabeessaan argamuunisaa himame.

Bara darbe miseensootnni inshuraansii fayyaa hawaasaa kuma 100 fi kuma 95 fi 394 kan turan yoo ta’u, hojiiwwan bara kana hojjetameen abbootii warraa kuma dhibbi 4 fi kuma 45 fi 529 miseensa inshuraansi fayyaa gochuun danda’ameera.

Gama too’annoo dhibee daranyoo sombaa, wal’aansa qaroo, qulqulina dhunfaa fi naannootiin bu’aan jajjabeessaan galmaa’eeraa jedhameera.

Godinichatti proojaktiiwwan fayyaa 35 qarshii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 1 fi kuma dhibba 3 fi kuma 61 hojjatamaa turan xumuramuusaaniti kan himame.

Proojaktoonni kunniin buufata fayyaa, kutaa wallaansaa dabalataa, manneen jireenya ogeessootaa fi bishaan ta’uusaanii itti gaafatamaan waajjira eegumsa fayyaa godinichaa obbo Yesuuf shaaroo dubbataniiru.

Godinichatti gamaggaamni raawwii hojii bara 2013 fi kallattii hojii bara 2014 geggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, daayreektaroonni bufataalee fayyaa 121 fi hospitaaloonni 7 hirmaataa jiru.

Muktaar Xahaatu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.