Fana: At a Speed of Life!

Godina Jimmaatti aanaaleen hojii fayyaan fakkeenya ta’an daawwataman

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2016 (FBC) – Godinichatti gaggeessitootniifi ogeeyyiin fayyaa godinaalee 21, aanaalee godina Jimmaa fakkeenya ta’an 2 daawwataniiru.
Godina Jimmaatti hojii fayyaan aanaaleen 12 fakkeenya ta’uu isaanii Itti gaafatamaan Waajjira Fayyaa godina Jimmaa Obbo Fu’aad Saabit dubbataniiru.
Barnoota ekisteenshiinii fayyaa kennamaa tureen abbootii warraa adda duree hedduu horachuun danda’amuu eeraniiru.
Hojiiwwan fayyaa fiixa baasuu keessatti aanaalee fakkeenya ta’aniifi abbootii warraa adda duree horachuun muurteessaa ta’uu Itti Aanaa Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Obbo Darajjee Abdannaan dubbataniiru.
Kana malees, akka naannootti bara darbe aanaaleen 43 hojii fayyaan kan cehan ta’uu fi bara kana ammoo aanaalee 20 ceesisuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Muktaar Xahaatu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.