Fana: At a Speed of Life!

Godina Jimmaa Aanaa Qarsaatti balaa bakakkaan mudateen  lubbuun namoota 3 darbe

Finfinnee, Onkoloolessa 3, 2015(FBC)- Godina Jimmaa aanaa Qarsaatti rooba cimaa roobee hordofee balaa bakakkaan mudateen lubbuun namoota 3 darbuu Waajjirri Poolisii aanichaa beeksise.

Aanaa Qarsaa ganda waadikkootti rooba cimaa halkan kaleessaa naannoo sa’aatii 9tti roobeen daa’ima waggaa afurii dabalatee hadhii fi abbaan du’uu Waajjira poolisii aanichaatti qorataan teeknika yakkaa inispeektar Ahimad Kamaal ibsaniiru.

Manni jireenya isaanis guutuummaan guutuutti barbadaa’uu eerameera.

Abdurehmaan Mahammadtu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.