Fana: At a Speed of Life!

Godina Jimmaa aanaa Nadhii Gibeetti lafti hektaarri kuma 4 fi 214 qamadii jallisiitin misoome

Finfinnee, Muddee 11, 2014 (FBC)- Godina Jimmaa aanaa Nadhii Gibeetti lafti hektaarri kuma 4 fi 214 qamadii jallisiitin misoomeera.

Jilli Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhina Godina Jimmaa Obbo Masarat Hayiluutiin durfamu sosochii facaasaa Qamadii Aanaa Nadhii Gibeerratti qooda fudhateera.

Aanichatti lafa hektaara 3,400 qamadii jallisiin misoomsuuf karoorfamee hanga ammaatti lafa hektaarri 4,214 facaasuun danda’ameera.

Godina Jimmaatti lafa hektaara 40,000 irratti qamadii jallisiin misoomsuuf qindoomina olaanaan hojjatamaa jiraachuu ragaan waajjira komikeeshinii godina Jimmaarra argamee ni muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.